Gaa’ela Keetti Gammadi
Gaa’ela Keetti Gammadi “Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama.”—FAK. 24:3. 1. Waaqayyo nama jalqabaa ilaalchisee ogummaa qabaachuusaa kan argisiise akkamitti? ABBAAN keenya inni samiifi inni ogeessi wanta nuuf gaarii ta’e beeka. Fakkeenyaaf, Waaqayyo jannata keessatti kaayyoosaa raawwachuuf ‘namichi kophaa isaa ta’uun gaarii akka hin taane’ hubatee ture. Yeroo sanatti kaayyoon Yihowaan abbaa manaafi haadha manaatiif qabu inni guddaan, ijoollee godhatanii akka ‘lafa guutan’ ture.—Uma. 1:28; 2:18. 2. Yihowaan faayidaa ilmaan namootaatiif jecha qophii akkamii godhe? 2 Yihowaan, “kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” jedhe. Achiis Waaqayyo Addaamitti hirriba cimaa buusuudhaan qaamasaa isa cubbuu hin qabnerraa lafee tokko fudhate. Lafee sanas dubartii godhe. Yihowaan dubartii mudaa hin qabne kana, jechuunis Hewwaaniin garasaatti yommuu fide Addaam akkas jedhe: “Isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees...