1. Namni dogongora isaa muldhisee himatu akka  nama kosii mana keessaa haruuti.
2. Namni namoota injifatu nama cimaadha;namni ofii isaa injifatu immoo nama hundumaa caala.
3. Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef ;yeroo hunda banaa taasisi.
4. Harri yoo akka ta’utti qabaatti sii galte malee borus hin amanamtu.
5. Biyyi lafaa fi hawwiin isaa hundinuu hin darba.  Namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu barabaraan hin jiraata.
6. Gufuuwwan yeroo rakkinaa nama mudatan akka billaatti qara isaa yoo qabanne nu muru. Qabannoo isaa yoo  qabanne immoo nu fayyada.
7. Qormaata tokko yoo injifatte qormaanni kumaatamaan lakka’aman immoo akkasumatti si baqatu
8. Madooshaan daawwitii ni cabsa sibiila kaan garuu ni qara.
9. Jireenyi kaardiwwn jireenya keessa jiran namaaf kenniti. Ati amma dandeesse kaardiidhuma si ga’een taphachuu qabda.

Comments

Baay'inaan Kan Dubbifaman

Maqaa Gosoota Oromoo ARSII-[Ilmaan SikkooMandoo]

Gaa’ela Keetti Gammadi

Komii Bishaan Washaa